Gartuun Wayyaanee Filannoo Sobaa Baanamuuf Ummata Hawachuuf Yaaliin Godhu Fashalaa Jira
Sadaasaa 11,2009

Yeroo ammaa guutummaa Oromiyaa irratti namoota  adamsuun hammaatee jira.Nu deeggaraa jechuun dabballooti sirnichaa ummata nagaa sodaachisaa akka jiran beekameera.
Yeroo ammaa guutummaa Oromiyaa irratti namoota adamsuun hammaatee jira.Nu deeggaraa jechuun dabballooti sirnichaa ummata nagaa sodaachisaa akka jiran beekameera.

Kun kanaan osoo jiru filannoo 2010 geggeefamu itti baha isaa osoo hin argin aangoo haala ittiin wal jijjiirru ummata hubachiisuu kan jedhuun duulli guddaan geggeefamaa jira.Osoo filannoon hin geggeefamne akkaataa bakka walii bu’anii barsiisuuf ergamtoonni sirnichaa fiigaa jiru.

Gochaan wayyaanotaa kun mormii guddaa kan kaasaa jiru yoo ta’u osoo filannoon hin geggeefamne eenyutuu mooyee beekne jechuun ummati diraamaa wayyaanee fashalsaa jira. Gochi kun baha Oromiyaa Godinoota Harargee lameenuu,Lixa Oromiyaa godinoota Walaggaa,Jiddu gala Oromiyaa fi gama Kibbaa irratti hedduminaan kan muldhatu akka ta’e dhaamame.

Wayyaaneen filannoo geggeessuuf adeemsa godhamu keessatti shira xaxuun mohachuu isii labsachuu qofatuu hafe jechuun taajjabdoonni dubachaa jiru.

 

 

 

"Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF".
   
 
  Site Map | Privacy Policy |
     
© Copyright OLF 2008