Ibsa Ejjennoo Seeminaara ABO Godina Awroppaa
Sadaasa 19, 2009

Nuti  Oromoon biyyoota Awurooppaa adda addaa keessaa dhufnee Seeminaara guyyaa harŽa Sadaasa 14/2009 magaala Antwerpen, Belgium, keessatti gaggeeffame irratti hirmaanne, waltaŽinsa Jaarmoleen, Gurmuulee fi QabsaaŽonni Qabsoo Bilisummaa  Oromoo walaba taŽan Onkoloolessa 31,2009 labsan irratti balŽinaan ergi marihannee booda  murtee kanatti aanu irra geenyee jirra.
Nuti Oromoon biyyoota Awurooppaa adda addaa keessaa dhufnee Seeminaara guyyaa harŽa Sadaasa 14/2009 magaala Antwerpen, Belgium, keessatti gaggeeffame irratti hirmaanne, waltaŽinsa Jaarmoleen, Gurmuulee fi QabsaaŽonni Qabsoo Bilisummaa Oromoo walaba taŽan Onkoloolessa 31,2009 labsan irratti balŽinaan ergi marihannee booda murtee kanatti aanu irra geenyee jirra:

1. Waliigalteen kun kan hawwiin bara dheeraaf eegamaa ture waan taŽeef gammachuu dhaan simanna.

2. Ibsa fi labsa tokkoomuu Jaarmoleen, Gurmuulee fi QabsaaŽonni walaba taŽan baasan guutummaatti fudhachuu keenya gammachuun ibsina.

3. Jaarmoleen keenya waan hawwamaa ture kana irra gahan hundaaf kabaja keenya ibsaa adeemsa qabsoo keenyaa hunda keessatti waan dandeenyuu fi qabnu hundaan itti hirmannee dirqama nurraa eegamu kaffaluuf qophaawaa taŽuu keenya beeksifna.

4. Rakkoon garbummaa fi mirga ufii dhabuun ilmaan Oromoo, Biyya hunda keenyaa kan taate Oromiyaa dhabuu irraa waan madduuf, abbaa biyyummaa Oromoo deebisuuf qabsoon godhamus qindaawaa fi gamtaan yoo taŽe buŽaa qabeessa jennee amanna. Kanaafuu Dhaabonni Siyaasaa Oromoo walaba taŽanii Qabsoo Bilisummaa Oromoo gaggeessan hundi hawwii belbeltuu ummata keenyaa dhaggeeffatanii mooraa qabsoo keenyaa gabbisuuf hatattamaan akka murteeffatan waamicha keenya dhiheessina.

5. Hujii Quunnamtii Alagaa fi Sab-Quunnamtii adda adda bifa hundaan bakka jirrutti saffisiisuun dirqama hunda keenyaa taŽuu amannee jiruutti hiikuuf waadaa seenna.

6. Hawaasonni Oromoo Biyya Alaa keessa jiran hundi akka jabaatanii tokkummaa qabsoo bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf humna taŽan waamicha keenya dhiheessina. Safuu fi walabummaan Hawaasaa akka jabaatu waan nurraa eegamu kan goonu taŽuu keenya ni mirkaneessina.

7. Yakka daangaa hinqabne kan mootummaan TPLF Dhala namaa fi Qabeenya Uumaa irraan gahaa jiru jabbeessinee balaaleffan.

Gadaan Gadaa Tokkummaa, Bilisummaa fi Walabummaati !!

Injifannoon Ummata Oromoof!!

 

 

 

"Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF".
   
 
  Site Map | Privacy Policy |
     
© Copyright OLF 2008