Walgahiin Haawaasa Oromo Magaalaa Atlaantaa Milkiin Xumurame
Sadaasaa 27,2009

Tokkuummaa Qabsaawootaatiif Walittii baqiinsa Dhaabootaaf Gurmuule Walba ta,an kan Guyyaa 10/31/09 Godhamee Ilaalchise Mariin Baldhaa Magaalaa Atlaantaatti Godhame Milkiin Xumurame.
Tokkuummaa Qabsaawootaatiif Walittii baqiinsa Dhaabootaaf Gurmuule Walba ta,an kan Guyyaa 10/31/09 Godhamee Ilaalchise Mariin Baldhaa Magaalaa Atlaantaatti Godhame Milkiin Xumurame.

Walgahii Guyyaa 11/21/09 ta,ee kana irraatti Miseensooti ABO, deggartootaaf Hawaasi Oromoo Magaalaa Atlaantaa Jiraatu irraatti argamuun Ibsaa baldhaa Hooggana KY ABO tin godhame ega dhaggeffatani boda, Gaafiif Deebiidhaan Marii Baldhaa taasifame ture.

Walgahii Kana Irratti argamuun Haalaa Yero Qabsoo Bilisummaa Oromoof Barbaachisummaa Tokkuummaa Qabsaawoota Oromoo fi Hirmaannaa Hawaasi Oromoo Qabaachu Qabu irraatti Ibsa Baldhaa kan kennaan J/Mahaammad Ali (Damshoo) Miseensa KY ABOti.

Dhuma irraattis Oromootiin Walgahii kana irraatti argaman Deeggarsa Qabsoo Bilisummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) Geeggefamuuf Tokkuummaa Qabsaawoota Oromoof Deeggarsa Qaban Muldhisuun Gumaata Maallaqa Kuma heedduun lakkaawamu Gumaachun Fula duraafiis waan Qabsoon irraa barbaadduun bira dhaabbatuuf qophii ta,uu isaani Mirakeessuun xumurame.

INJIFANNOON UMMATA OROMOTIIF

 

 

 

"Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF".
   
 
  Site Map | Privacy Policy |
     
© Copyright OLF 2008