Duullii WBO irratti xiyyeefate gurtuu boodessitoota fi woyyaaneen qindayee gara WBO zoonii kaabaatti ergamuun oduun naannoo irraa burqe ibseera. Haaluuma kanaan, namootiin waan kana ni milkeessan jedhaman, namoota 21 of keessaa kan qabu yoo ta'u, namoota kana keessaa kan akka Ahmad Jundii, Alii Hussein fi Ahumad jedhaman argamu. kanaafuu gochaa diinaa fi boodeessitoonni WBO irratti geessuuf qindooftee socho'artu, jabinnaa fi dammaqinna WBO fi ummata keennaatiin akka fashalu abdii guutu qabna.
Gartuun booddessaan mootuummaa wayyanee wajjiin WBO ti duuluu akka jabeefatee fi humna WBO godina Kaabaa keessatti jeequmsi akka uumamu godhuuf Jibuutii irraa namoota bobbaasuun beekkameera.
Maddeen amanamaan naannicharraa akka gabaasanitti, sochii qaama jijjiiramaa danquu kan jedhuun wayyaanee fi booddesitoonni wajjiin hujaa jiraachuun beekameera.Gartuun lameenuu gaachena ummata Oromoo kan ta’e ,WBO, facaasuu fi jeequmsi keessa isaatti akka dhalatu godhuuf qindeefatanii akka socho’aaran baramee jira.
Akka kanaan gooticha WBO godina Kaabaa keessatti gara garummaan uumamee jeequmsi akka hammaatuuf namooti hedduun mootummaa wayyaaneetiin qindeeffamanii booddesitootaan karaan akka akeekamuuf godhamee gama Kaabaa Oromiyaa Zoonii Wallootti socho’an ajajameera.
Jiilli mootummaa wayyaanee fi booddesitootaan qindeefamee gama Wallootti Jibuutii irraa bobahe kun kan humna WBO naannoo sana keessa socho’u akka jeequuf ergamni itti laatamee jira jechuun keessa beektotiin hubachiisanii jiru.
Namoota akeeka dogongoraa diinummaa kana fudhatanii Jibuutii irraa gama Wallootti bobahan laakkofsaan 21 yoo ta’an isaan keessaa Ahmad Jundii, Alii Hussein fi Ahumad namooti jedhaman keessatti akka argaman tuqame.Gartuun badii kun booddesitootaa fi wayyaanee irraa ergama diiggaa fudhatee kan bobbahe Fulbaana 21/2009 akka ta’e dhaamsi nu qaqabe mirkaneesse.
Waan ta’eef humni WBO naannoo Walloo keessa socho’u bobbaa diinaa kana duursa beekuun akka of eeggannoon dhaabbattu ABO dhaamsa dabarsee jira.Ummatti naannichaas booddesiitoonni mootummaa wayyaanee gargaarsifatanii gaachena sabaa kan ta’e WBO irratti duuluu waan jabeefataniif kana hubatee odeeffannoo barbaachisu WBO dafee akka qaqabuu fi namoota kamuu humna WBO irratti balaa qaqabsiisuuf qiyyaafatan irratti tarkaanfii akka fudhatu akeekameera.
Hamma sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo meiidiyaalee adda addaatiin hawaasa addunyaatiif dhiyaatee kaasee hariiroon booddesitootaa fi wayyaanee kan dhoksaan jabeefataa turan ifa akka bahe ni beekama.
Yeroo duulli hidhaa guutummaa Oromiyaa fi biyyattii keessatti hammataa dhufaaru kanatti hidhamtooti hedduun mana hidhaa cabsuun miliquu akka eegalan gabaafame
Mootummaan wayyaanee sochii ummataa sodaachuun namooti fuulli isaanii na sodaachisa jedhuu yakka homaatuu osoo hin raawatne qabee hidhaa jira.Faallaa kanaa ammoo manneen hidhaa cabanii warri bahanis akka heddumaachaa dhufaaran gabaafamee jira.
Akkuma kanaan godina Walloo ona Kamisee magaalaa Kamsisee keessatti mana hidhaa argamuu namooti 20 ol cabsanii miliqaniiru.Hidhamtooti mana hidhaa magaalaa Kamisee keessatti argaman tarkaanfii boonsaa kana kan fudhatan Fulbaana 23/2009 akka ta’es gabaafame.
Kun jajabaachuu kan qabu fi hidhaan Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo biroo irraa dhaabachaa waan hin jirreef ummati yeroo namni balleessaa hin qabne qabaa hidhamu gaaffii kaasuu,hidhatoota kanarratti bobahaniif akeekachiisa laatuu,namootaa isaanii humni wayyaanee qabaa hidhu harkaa buusifachuu fi mana hidhaa keessaas humnaan cabsanii gad lakkisiisutti cee’uun gaaffii yeroo ta’aa akka jirtu hunduu hubachuu barbaachisa jechuun sabboontonni Oromoo akeekan