Walgayiin Miseensotaa fi Hawaasa Oromoo Kutaa Kibba Paasifiik Konyaa Victoria kan Yaamicha WBOn( Waraanni Bilisummaa Oromoo) Miseensota ABO biyya alaa jiraatanii fi Ummata Oromoo biyyaa ambaa jiraataniif godhe Onkololeessa 3 bara 2009 Kutaa Kibba Paasifiik Konyaa Victoria Magaalaa Melbourne keessatti geeggeeffamaa ture milkii guddaadhaan xumurame.
Walgayii kana gubbatti Qondaalota ABO Kutaa Kibba Paasifik, Miseensota Konyaa Victoria( Melbourne), Hoogganootaa fi Qondaalota Jaarmayoota Oromoo Afur(4),bakka bu’oota Jaarmayaalee Hawaasummaa fi Amantaa garaa garaa Magaalaa Melbourne keeysa jiraatan, hedduminaan argamuudhaan dhaamsa WBOn Zooni Kibbaa fi Zoonii Kaabaa godheef hamilee guutuudhaan simatanii jiru.
Yaamicha fi Iyyata WBOn godheef kana guutuu fi guututti akka bira dhaabbatanii fi waan irraa barbaachisu hunda godhuudhaaf waadaa seenanii jiru. Dabalees guyyama kana waadaan seename gargaarsa WBO fi qabsoo teenyaaf jecha Doolaara Kuma heddutti lakkaayamu gabaafamee jira.
Walgahii kana kan adda isa taasisu, Qondaalota Jaarmayoota Oromoo kan tokkummaa qabsaawotaa leellisan, Miseensota Jaarmayoota Walabaa ta’an kan Oromoo naannoo keenyatti argaman hedduminaan hirmaachuudhaan lallabata WBO dhagayuudhaan akka qaama tokkootti walitti dirmachuudhaan gumaacha godhuu isaaniiti. Haalli kuni Waltajjiilee biyyoota birootii fi Tokkummaa Jaarmayoonni waliigalteedhaan labsachuu deeman kanaaf fakkii fi abdii guddaa horachiise ifatti beekamee jira.
Ummata gargaarsa WBOf godhee fi qabsoo isaanii bira dhaabbatte galanni isaanii Walabummaa Oromiyaa , Bulisummaa Sabaa fi Birmadummaa Mootummaa haa ta’u jechaa gabaasa keenya kan milkii fi injifannoon xumramuu isaa gammachuu nutti dhagahame ibsaati yaada keenya asuma irratti goolabna.
