Mootummaan Wayyaanee Filannoo 2010 Irratti Geggeefamuun Sababataa Ummata Unkuruu Akka Jabeefate Dhaamame
Onkoloolessa 12,2009

Mootuummaan woyyannee ofii fiigee, ofumaa of dorgomee injifadhee jechuun baroota 17 dabarsuun isaa ni yaadatama. Mootummaan woyyaanee  kijibn qaanii osoo hin taane,  aadaa kan godhate dha, filannoo ofuma of dorgomee injifadhe jedhe labsatu jiruu, guyyaan filannoo osoo hin geennee ilmaan Oromoo irratti jequumsaa jalaqabuun maddii oduu keennaa addeesiteerti. Gabaasa guutuu
Yeroo ammaa guutummaa Oromiyaa keessatti duula hidhaa geggeefamuun maditti gamaagamma maqaa jedhuun hojattoota mootummaa,bulchitoota gandaa,onootaa fi godinootaa walitti qabanii gooluun akka heddumaate himameera.

Haalli kun guutummaa Oromiyaa keessatti kan geggeefamaaru yoo ta’u kaaba Oromiyaa godina Walloo keessatti bulchitoota sadarkaa adda addaa irra jiranitti amanamtooti sirnichaa roorrisaa jiru.Maddeen amanamaan naannicharraa akka dhaamanitti kaabinee kutaa Kamisee fi bulchitootaa fi kaabinoota onoota hundaa godina Kamisee jalatti argamu Magaalaa Konbolchaa keessatti walitti qabuun sodaachifamaa akka jiran beekameera.

Dabballooti wayyaanee ajandaan isaan qabatanii golii uumaaraan filannoo 2010 irratti geggeefamuuf namootaa mootummaa morman addaan baafachuu kan jedhuudha.Mormitoota keenya haguugaa jirtu jechuun Kaabinootatti dheekkamuunis muldhatee jira jedhame.Walgahiin Magaalaa Kombolchaatti geggeefamaa jiru kun namootaa mootummaa mormanii fi ABO dabalatee dhaabbilee mormitootaa dhibii deeggaran dhabamsiisuu kan jedhuun duulli akka eegalamu ajajni darbee xumurameera jedhame.Sabboontoti naannichaa garuu kan dhabamu eenyu akka ta’e rabbituu beeka jechuun sochii diinaa dhiheenyaan hordofa jiru.

 

 

 

"Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF".
   
 
  Site Map | Privacy Policy |
     
© Copyright OLF 2008