ODUU GAMMACHIIFTUU
Onkoloolessa 31,2009

Tokkummaan Walabummaa Oromiyaatii fi Bilisummaa Ummata  Oromootiif murteessaa tahe yeroo duraatiif  Biyya  USA ,MN magaala ST.Paul  keessatti Guyyaa har.aa  10/31/2009 walitti makamiinsa jarmayoolii Siyaasaa Shaniin mirkanaahuun Hogganoonni  walitti dhufan kun Maqaa jaalatama  fi Abdii fi wabii bilisummaa Ummata oromoo kan tahe ABO Alaabaa fi  Asxaa  dhaabbichaa akkuma jirutti fudhachuun eegalamee
Tokkummaan Walabummaa Oromiyaatii fi Bilisummaa Ummata Oromootiif murteessaa tahe yeroo duraatiif Biyya USA ,MN magaala ST.Paul keessatti Guyyaa har.aa 10/31/2009 walitti makamiinsa jarmayoolii Siyaasaa Shaniin mirkanaahuun Hogganoonni walitti dhufan kun Maqaa jaalatama fi Abdii fi wabii bilisummaa Ummata oromoo kan tahe ABO Alaabaa fi Asxaa dhaabbichaa akkuma jirutti fudhachuun qabsoo Bilisummaa Oromoo sababa adda addaatii fi Hogganoonni waldhuunfachuu dhabuutiin qancarte bakka jirturraa uf dura furgaasuuf sadarkaa ol’aanatti hoggannummaa qabsoo bilisummaa Oromoo hogganuuf dheebuu ummanni keenna sirroofteef qabuu fi Bilisummaa Oromootiif qabu fiixaan baasuuf;Miseensota,deeggartootaa fi ummata bal’aa Oromootiif Waadaa duruu Qabsoo Bilisummaa Oromootiif seenaan Bifa haarawaan galuun Hoggana Warraaqaa Qabsoo Bilisummaa oromoo uf dura furgaasuuf dandeettii fi Muxannoo loluu fi lolchiisuu qabuu fi danboobaa fi hawwii ummata keennaa fiixaan baasuuf Warraaqu filachuun waliigaltee seenaa Qabsoo Oromoo keessatti tan duraatii fi seena qabeessa taate waliimallatteessaniiru.

 

 

 

"Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF".
   
 
  Site Map | Privacy Policy |
     
© Copyright OLF 2008